factograf
OM
Sign in

Surrii

Surrii

Yaadsammuun(qalbii) qaama damma nama tokkoo yoo ta'u, "yaada", "hubachuu", yaadannoo uumuu, miira hubachuu, hayyamuu fi fuuldura ilaaluun kan amala qabudha. Falaasama tokko tokko keessatti qalbiin sammuu irraa adda. Qalbiin akkuma sammuu, wantoo irraa kan hojjetame osoo hin taane, addunyaa yaada keessa babal’ata. Kanaafuu, qalbiin tuuta "yaada" kan hin mul'anne fi hin qabamne jechuun ni danda'ama.

Walitti dhufeenyi qalbii fi sammuu gidduu jiru falaasama keessatti barootaaf qoratamaa kan ture yoo ta’u, ammas falmisiisaa ta’ee jira. Walumaagalatti, ejjennoowwan falaasama gosa 3 qabu, isaanis garlamummaa, wanneetummaa fi yaaddoyyummaa jedhamu.

  • garlamummaa ( Duality) jechuun sammuun qaama irraa adda bahee jiraachuu jechuudha.
  • wanneetummaa(materialism) yaadni bu’aa seelii sammuuti jedha.
  • Yaaddoyyummaa - Qalbii qofatu leetoo dha jechuu. Sammuun ykn qaamni qaama namaa kamiyyuu bu’aa argaa-yaadaa (manaama) qalbii jedhama.

Ija saayinsiitiin yoo ilaalamu qalbiifi sammuu walitti hidhamiinsa qabu jedhamee yoo amanamu, kanaaf ragaan guddaan jijjiirama qalbii(yaada) miidhaa kutaalee sammuu qabatamaa ta’an irratti uumamuudha. Qabxiin wabii biraa jijjiirama qorichi tokko tokko sammuu keessatti fiduudha.

Read next

In 152 languages

omAfrikaansአማርኛaragonésअंगिकाالعربيةالدارجةمصرىঅসমীয়াasturianuअवधीazərbaycancaتۆرکجهбашҡортсаBoarischžemaitėškaBikol Centralбеларуская (тарашкевіца)беларускаябългарскиभोजपुरीবাংলাbrezhonegbosanskiBatak MandailingcatalàᏣᎳᎩکوردیqırımtatarcačeštinaчӑвашлаCymraegdanskDeutschZazakiडोटेलीEnglishEsperantoespañoleestieuskaraفارسیsuomifrançaisNordfriiskGaeilge贛語kriyòl gwiyannengalegoAvañe'ẽHausaHawaiʻiעבריתहिन्दीFiji HindihrvatskiհայերենԱրեւմտահայերէնinterlinguaBahasa IndonesiaIlokanoIdoíslenskaitaliano日本語Patoisla .lojban.JawaTaqbaylitKabɩyɛGĩkũyũқазақшаಕನ್ನಡ한국어kernowekкыргызчаLatinaLingua Franca NovaLimburgslombardລາວlietuviųlatviešuमगहीमैथिलीMalagasyMinangkabauмакедонскиമലയാളംмонголဘာသာမန်मराठीBahasa MelayuMirandésမြန်မာဘာသာمازِرونیPlattdüütschनेपालीनेपाल भाषाNederlandsnorsk nynorsknorskoccitanਪੰਜਾਬੀpolskiPiemontèisپنجابیپښتوportuguêsRuna Simiရခိုင်românăрусскийрусиньскыйसंस्कृतम्саха тылаᱥᱟᱱᱛᱟᱲᱤsicilianuسنڌيsrpskohrvatski / српскохрватскиSimple EnglishslovenčinaslovenščinachiShonashqipсрпски / srpskisvenskaKiswahiliதமிழ்తెలుగుтоҷикӣไทยትግርኛTagalogTürkçeXitsongaтатарча / tatarçachiTumbukaукраїнськаاردوoʻzbekcha / ўзбекчаTiếng ViệtWinaray吴语isiXhosaייִדישVahcuenghⵜⴰⵎⴰⵣⵉⵖⵜ ⵜⴰⵏⴰⵡⴰⵢⵜ閩南語 / Bân-lâm-gí粵語中文isiZulu

Text from Wikipedia, CC BY-SA 4.0 · Source article