factograf
OM

Qurcii

Qurcii

Qurcii, akkasumasdhukkuba “Hansen” (HD)jedhamuun kan beekamu, kun chronic dhukkuba karaa baakteeriyaa nama qabuudha Mycobacterium leprae fi Mycobacterium lepromatosis. Jalqaba irratti, dhukkubichi mallattoo dhukkubbii tokko malee waggoota 5 anga 20 itti akkanumatti tura.  Mallattoowwan uumaman granulomas kan narvoota, qaama afuura baafannaa, gogaa, fi ija irratti argamani.  kunis sababa qaamni adoodu fi dhukkubbiin hin dhaga’amneef jecha madaa walitti aansee uummamuun ciccituun qubeenii, funyaan fi qaamoole gara biraa irratti uummama.  Dadhabbii fi sirriitti arguu dhabuunis ni uummama.

Gosawwan dhukkuboota bifa lamaa baay’ina baakteeriyaa argamee irratti hundaa’a: “paucibacillary” fi “multibacillary”.  Gosawwan lamaan kun kan addaan ba’an baay’ina xiqoo kan faca’e, gogaan bifa adda ta’ef adoode argamu, “paucibacillary” shan ykn sanaa gadii fi “multibacillary” shan caalu waliin argama.  Qorannaan isaa kan mirkanaa’u acid-fast bacilli gogaa bakka dhukkubsate keessaa ykn kara “DNA” argachuudhaan polymerase chain reaction isaa ilaludhaan ta’a.  Dhukkubni kun baay’inaan kan beekkamu warra hiyyummaa keessa jiraatan biratti si’a ta’u kan tamsa’us karaa dhangala’aa qaama afuura baafannaa keessaa ba’uun akka ta’e amanama.  Garuu waan baay’ee wal tutuquudhaan darbu miti.

Quriin dhukkuba yaalidhaan fayyuudha.  Yaaliin dhukkuba gosa qurcii “paucibacillary” tiif qorichawwan dapsone fi rifampicin ji’oota ja’aaf fudhachuudha.  Yaaliin gosa qurcii “multibacillary” tiif rifampicin, dapsone, fi clofazimine walitti ji’oota 12 fudhachuudha.  Yaliiwwan kun karaa Dhaabbata fayyaa addunyaa tola/bilisa kennamu.  Qorichoonni baakteeriyaaf kennaman kan biroo baay’eenis fayyadamu malu.  Sadarkaa addunyaatti bara 2012, namoonnii dhukkubichaan qabamanii turan 189,000 si’a ta’an haaraa kan qabaman immoo 230,000 turan.  Baay’inni namoota qabamanii dhukkubicha waliin jiraachaa turanii bara 1980 miiliyoon 5.2 kan turerraa gadii hir’achaa dhufeera.  Dhukkubichaan haaraa qabamaa kan jiran biyyota 16 keessatti si’a ta’u kana keessaa Indiyaa keessatti kan qabaman harka wadhakkaa ol ta’u.  Waggoottan 20 darbanitti namoonni miiliyoona 16 sadarkaa addunyaatti qurciirraa fayyaniiru.

Qurciin waggoottan kumaatamaaf nama miidhaa ture.  Dhukkubichii maqaa kana kan argate jecha Latin lepra, jechuun waan jabaataa "scaly", si’a ta’u jechi "Dhukkuba Hansen" ogeessa fayyaa Gerhard Armauer Hansenirraa moggaafame. Namoota qooduun/ofirraa fageessun leper colonies ammallee biyya akka Indiyaa keessatti, kan kumaatama caalan irratti;  Chayina keessatti, namoota dhibbatamaan lakkaawwaman irratti;  fi Afrikaa keessatti.  Ta’us, qoodinis bakka baay’etti dhaabbateera.  Qurciin Qoodinsa hawaasummaa waliin seenaa duubaa dhufeen wal qabata,  kunis dhukkubsattoonni dursanii akka hin bakkesifannee fi dafanii yaalii hin arganne godhaa jira. Guyyaan qurcii addunyaa warra qurciidhan miidhaman biratti ubannoo uumuuf bara 1954 irraa eegale.

Read next

In 139 languages

omAfrikaansaragonésअंगिकाالعربيةمصرىঅসমীয়াasturianuअवधीazərbaycancaتۆرکجهBikol Centralбеларуская (тарашкевіца)беларускаябългарскиবাংলাབོད་ཡིགbrezhonegbosanskicatalà閩東語 / Mìng-dĕ̤ng-ngṳ̄کوردیčeštinakaszëbscziCymraegdanskdagbanliDeutschThuɔŋjäŋडोटेलीދިވެހިބަސްΕλληνικάEnglishEsperantoespañoleestieuskaraفارسیFulfuldesuomivõrofrançaisNordfriiskGaeilgegalegoGhanaian PidginગુજરાતીHausaעבריתहिन्दीhrvatskimagyarհայերենBahasa IndonesiaIgboIdoíslenskaitaliano日本語ქართულიTaqbaylitKabɩyɛқазақшаಕನ್ನಡ한국어کٲشُرkurdîкыргызчаLatinaLingua Franca NovaLugandalombardlingálalietuviųlatviešuMalagasyMinangkabauмакедонскиമലയാളംмонголमराठीBahasa Melayuမြန်မာဘာသာनेपालीLi NihaNederlandsnorsk nynorsknorskSesotho sa LeboaChi-Chewaoccitanଓଡ଼ିଆਪੰਜਾਬੀpolskiپښتوportuguêsRuna Simiromânăрусскийसंस्कृतम्саха тылаᱥᱟᱱᱛᱟᱲᱤsardusicilianuسنڌيsrpskohrvatski / српскохрватскиසිංහලSimple EnglishslovenčinaslovenščinachiShonashqipсрпски / srpskiSiSwatiSesothoSundasvenskaKiswahiliதமிழ்తెలుగుไทยTagalogSetswanaTürkçeXitsongaтатарча / tatarçaTwiئۇيغۇرچە / Uyghurcheукраїнськаاردوoʻzbekcha / ўзбекчаTiếng ViệtWinaray吴语isiXhosaYorùbá閩南語 / Bân-lâm-gí粵語中文

Text from Wikipedia, CC BY-SA 4.0 · Source article