factograf
OM

Hirmama Seelii

Hirmama Seelii
Marsaan seelii yuukaariyoota keessatti: I = Interphase, M = Mitosis, G 0 = Gap 0, G 1 = Gap 1, G 2 = Gap 2, S = Synthesis, G 3 = Gap 3.
Marsaan seelii yuukaariyoota keessatti: I = Interphase, M = Mitosis, G 0 = Gap 0, G 1 = Gap 1, G 2 = Gap 2, S = Synthesis, G 3 = Gap 3.

Hirmamni Seelii jireenya lubbu qabeeyyiitiif barbaachisaadha. Hirmamni seelii guddina qaamaa ijaarsa qaamaa fi qaama miidhame bakka buusuu, wal-hormaataa fi baay’ina seelotaatiif barbaachisaa dha. Seelonni baay’achuudhaaf hirmama gaggeessu. Seeliin tokko 2 ti 4 ti 8 ti fi kkf tti baay’achaa adeema. Akkaata amala kiroomosomootaa irratti hundaa’uudhaan gosoota hirmama seelii lamatu jira. Maayitoosiisii fi meyoosisii jedhamu. Hirmama seelii keessatti wanti hirmamuudhaaf deemu kiroomoosomsii waan ta’eef kiroomoosomsiin iddoo guddaa kan qabatedha. Gochaaleen wal-hormaata hundaa seeliin tokko yeroo umrii isaa raawwatu marsaa seelii jedhama.

Read next

In 70 languages

Text from Wikipedia, CC BY-SA 4.0 · Source article